Abdii Quotes

Words of Hope to Strengthen Your Spirit

Abdii malee jireenya dhabnee yeroo jiraannu bara xumuraatti Gooftaan keenya jireenya keenya nuuf deebiseeraatii Isa galateeffanna.

Tiksee Heermaan

Firii mukaa nyaachuun sababa ajajamuu dhabuun du'a nutti dhufe; Iyyesuus Kiristoos ajajamuun muka fannoorratti fannifamuun du'a balleessee jireenya nuuf kenne.

Qul. Heereenewoos

Waqtii kamittittiyyuu manni Amantaa yeroo sin ergitu moo'amtanii hin galiinaa.

Abbaa Inniyew

Jireenyi afuuraakeen hangamiyyuu dadhabaa yoo taate abdii hin kutatiin; abdii kutuun Diyaabiloos harka isaa irratti akka kuftuuf hamileekee kan itti dadhabsuufi dandeettii kee kan itti balleessu meeshaa waraanaa seexanaa isa guddaadha.

Abbaa Shinoodaa

Qulqulluu kan ta'e Waaqayyo abdii yeroo kennu nan gowomsama ta'aa jedhee shakkuun eenyuuf danda'ama? Nuuf kennuu osoo hin barbaadu ta'ee nakadhadhaa nun hin jedhu ture.

Awugisxiinoos

Ani abdii kan dhabeef, abdii gargaarsa kan dhabeef, gargaaraa dhukkubsataaf fayyina kan hin qabneef du'aa ka'umsa jedha Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos.

Qul. Toomaas

Addunyaa kana irratti abdii dhabuun jalqaba fayyinakee ta'uu danda'a; kan ati fayyitu garuu abdii dhabuukeetiin osoo hin taane arjummaa Waaqayyootiini.

Yohannis Afaan Warqee

Namni miila hin qabneefi namni abdii hin qabne bakka yaade gahuu hin danda'u.

Haayile Giyorgis

Dhalootni ammaa daandii fooyya'aarra deemuu kan danda'u kaleessaa abboonni isaanii daandii irra deeman yeroo beekan qofadha. Waa'ee borii yeroo yaadnutti waa'ee kaleessaa beekuu qabna; kaleessi Kitaaba irraa barannudha waan ta'eef.

Abbaa Phaawuloos