Gorsa

Spiritual Guidance and Life Wisdom

Adabbii osoo hin taane dursaa adabbii kan ta'e cubbuu haa sodaannu.

Yohannis Afaan Warqee

Cubbuurraa fagaadhu gara ofii keettis gadi fageenyaan seeni. Lubbuukee keessa yaabbannoo gara mootummaa Waaqayyootti si seensisu ni argatta.

Qul. Yisihaaq Isa Sooriyaa

Ganama hirribaa kaatee hojii eegaluun dura Sagalee Waaqayyoo dubbisi. Ati Sagalee Waaqayyoo yeroo yeroon hiriyyaakee dhugaa taasistee hanguma qabattu. Waantota addunyaatiin hin raafamtu yookiin hin dhiphattu. Cubbuus hin raawwattu.

Yohannis Afaan Warqee

Lubbuukee yaada fooniirraa fageessi.

Aregaawwii Menfesaawwii

Hamaa yeroo hojjetu obboleessa isaa kophaa ta'ee kan gorsu gorsuu isaatiin beekaa ta'a. Obboleessa isaa namoota hedduu gidduutti kan saaxile garuu gaddi itti baay'ata.

Maar Yisihaaq

Namni kamiyyuu oduu kufaatii obboleessa isaa hin dhagahiin; sababni isaas keessa isatti murteessurraa ni baraarama.

Musee Tseliim

Nama yeroo gargaartu irra caalaatti saala, sanyii yookiin amantaa isaa ilaaltee hin gargaariin; garuu maqaa Kiristoosiin gargaariin.

Yohannis Afaan Warqee

Nama nama hamatu waliin hin deemiin; hamaa namaa yeroo sitti dubbatus hin amaniin.

Musee Tseliim

Warra badaniif kan gaddu. Warra kufaniif kan gaarummaa taasisu ta'i.

Yohannis Hatsiir

Gonkummaa kan jedhaman gonka kan nama taasisan wantoota 4'tu jiru; isaanis hubannaa, kennuu, amala gaarii fi fedhii ofii moo'achuudha.

Angare Felasfaa