Wisdom About Love & Spiritual Compassion
Jaalalaan cubbuun keenya nuuf dhiifama.
Qul. Qeleminxoos
Jaalalli dhugumatti nyaata samiifi kan sammuuti.
Qul. Qelemenxoos Isa Iskindriyaa
Jaalala dhugaarra yeroo geenyu Waaqayyoo bira gahuufi deemsa keenya xumuruu keenya. Jaalala dhugaatiin baatamnee addunyaa darbinee Abbaa Ilmaa fi Afuurri Qulqulluu bakka jirutti ni ceena.
Qul. Yohannis Isa Sooriyaa
Nuti gara isaa bahuun yeroo nutti ulfaatu inni gara keenya dhufe.
Abbaa Shinoodaa
Kiristaanni obboleessa isaa jaalalaan yeroo ilaaletti Waaqayyoon ilaaluudha.
Qul. Qelemenxoos Isa Iskindriyaa
Gooftaan keenya gannata kan itti bane gara mootummaa samiitti kan ittiin nu galche, fuuldura keenyatti gaannabaafi si'ool kan cufe fannoo isaatiini.
Yohannis Afaan Warqee
Waaqayyo jaalala daangaa hin qabneen nama ni jaallata. Waan jaallatuufis bifaafi fakkeenya isaatiin uume.
Qul. Hereenewoos
Soomni kadhannaarra ni caala; kana irra darbees amalli gaariin hundarra ni caala. Akkasumas jaalalli baay'ina cubbuu ni balleessa.
Qul. Qelemenxoos
Fayyina obboleessa isaaf kan hin dadhabne fayyeera jedheen hin amanu.
Yohannis Afaan Warqee
Laphee isaatti Waaqayyo namni qabate seera isaa ni raawwachuu ni danda'a; garuu arraba isaatiin qofa 'Yaa Gooftaa' kan jedhu lapheensaa shakkiin kan guutame waan ta'eef seera Waaqayyoo erguu hin danda'u.
Tiksee Heermaan
Namni haaloo qabatu seexana foon uffatedha. Jaalalli Kiristoos du'aan isa geessiitii.
Aregawwii Menfesaawwii
Jaalala kan qabeenya godhate yeroo hunda Kiristoosiin soorata isaa taasifata.
Maar Yisihaaq
Jaalalli qabannoo kan hin qabne laphee namaa ofitti harkisuuf kan gargaaru daandii nageenyaati.
Unknown
Qulqulloonni aarsaa waaqummaaf kan qabsiifaman ixaana yoo ta'an, kan qabsiifamanis jaalala Uumaa isaaniitiifi.
Maar Yisihaaq
Namarraa adda baahee obboleessa isaa namni gorsu cimina jaalala isaa ibsa; namoota fuulduratti kan saaxilu garuu jabina inaaffaa isaa ibsa.
Maar Yisihaaq
Bofaan dogongorree yeroo balleessinetti jireenya bara-baraarraa fagaanne gammachuun bakka jiru gannataas baane; ati garuu bara-baraaf nun ganne. Qulqullootaa fi raajota keetiin nu mil'atte malee, bara dhumaattis du'aafi dukkana jala warra jiraannuuf nuuf mul'atte. Afuura Qulqulluutiin Durbee Maariyaamirraa nama kan ta'e tokkicha Ilma isaa, Iffa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos nurratti ibse, nurras jiraachiste.
Baasiliyuus Isa Qiisaariyaa
Waaqayyo namoota dirqamaan ofitti hin dhiyeessu; jaalala isaa guddaan ofitti harkisa malee.
Yohannis Afaan Warqee