Wisdom About Prayer & Spiritual Guidance
Waaqayyoof fuuliin urgaa gaarii qabu laphee Uumaa ishii galateeffattudha
Qul. Agnaaxiyoos
Kadhannaaf yeroo siif mijate carraa argatteen kadhachuuf duubatti hin deebi'iin hin dhibaa'iinis kanarraa kan ka'e yerookee waan faayidaa hin qabnetti balleessuurra kadhannaan bu'aa hedduu argachuu dandeessa
Abbaa Shinoodaa
Namni yeroo kadhannaa dhiisetti meeshaa ittiin du'u qopheessuu eegala.
Qulqulloota Abbootii
Namni hin kadhanne akka biyya daangaa hin qabneeti. Abbaan barbaade seenee ni saama innis kennaa isaaf kenname ni dhaba.
Maar Yisihaaq
Daa'imummaarra namni darbe hundi fayyuuf kadhannaan dirqama, kunis barnoota Amantaati.
Filiiksiyus
Halkan Waaqayyoon galateeffachuun uumame yeroo addaati.
Qul. Abbaa Yisihaaq
Foon lubbuu hin qabne kan du'e akkuma ta'e, lubbuun kadhannaa hin taasisne kan duutedha.
Yohannis Afaan Warqee
Mucaan Abbaa isaa waliin akkuma haasa'u kadhannaan Waaqayyoo waliin haasa'i.
Maar Yisihaaq
Waaqayyoo fuuldura kadhannaaf yeroo dhaabbattu akka barbada ibiddaa fuuldura dhaabbatteetti yaadi.
Barsiisaa Guddicha Yisihaaq
Abbootiin keenya akkuma raawwatan rakkookee Waaqayyoo fuuldura keessee soomaafi kadhannaan furmaata argachuu ni dandeessa.
Yohannis Afaan Warqee
Aarsaan qulqullootaa imimmaan gaabbii dha.
Maar Yisihaaq
Kadhannaan firii gaarummaafi dhabamuu dheekkamsaatis; kadhannaan yaadannoo gadda keessa keenyaati.
Abbaa Neeles
Waantonni hundumtuu akka ati barbaadde akka ta'u hin hawwiin; akka Waaqayyoo itti gammaduutti malee. Akkas taanaan kan hin raafamneefi yeroo kadhannaakee hundatti Waaqayyoon kan galateeffattu ni taata.
Abbaa Neeles
Yaa Uumaako fuuldura keetti kan hollatuufi humna kan hin qabne garbichakee anaan yaadadhu.
Abbaa Qeerloos
Kan tuffatameefi kan dhiphate jechoota keetiin gargaari; hunda kan danda'u irree isaa mirgaan gargaaramtaatii kanneen rakkina keessa jiranis kadhannaakee yeroo hundaafi gadda lapheekeen hirmaadhu. Gaaffiwwankee hundaaf burqaa gaarummaarraa deebii ni argatta.
Qul. Eefreem