Wisdom & Inspirational Quotes
Ati ofiikeetii waliin yoo araaramte samiifi lafti sitti ni araaramu.
Abbaa Shinoodaa
Laphee ofii to'achuun ofiitiin Waaqayyoof jedhanii fedhii ofiirraa fagaachuudha.
Abbaa Agaaton
Qulqullummaa keetitti hin amaniin; waan darbeefis hin dhiphatiin. Kanarra afaan keefi garaa keeti biti.
Abbaa Raa'iisaayyaas
Namni fedhii isaa hin moo'anne kan Waaqayyoo ta'uu hin danda'u. Namafi Waaqayyoo waliin kan isa wal-dhabsiisu jiraachuu fedhii isaati.
Yohannis Afaan Warqee
Fedhii foonii moo'achuun gonfoo jireenya kan argamsiisu wareegamummaadha.
Qul. Yisihaaq
Barsiisuun gaariidha; kanarrammoo qulqullummaan of eeggachuun ni caala.
Maar Yisihaaq
Namni beekaa jedhamee kan galateeffatamu dhuma addunyaatti kan isa kabachiisu 'cubbuun na gahe' yeroo jedhudha.
Maar Yisihaaq
Gaddi guyyaa guyyaan taasifamu lubbuun yeroo hunda Waaqayyoon akka yaaddu taasisa.
Maar Yisihaaq
Fedhii foonii isaa kan lubbuuf hin bichisiisne, fedhiin lubbuu isaas Waaqayyoof hin bitamu.
Maar Yisihaaq
Baay'ee nyaachuufi dhuguun fedhii hamaa nutti baay'isa.
Maar Yisihaaq