OfEeggannaa

Wisdom About Caution & Mindfulness

Namni tokko akkamitti akka qabachuu danda'u yoo hin beekne qabeenyi bofadha. Bofa of eeggannaa malee duubasaa yoo qaban harkatti maramee akkuma nama hiddu qabeenyas ogummaafi of eeggannaan yoo hin qabne akkanuma.

Qeleminxoos Isa Iskindiriyaa

Namni lapheesaa yoo hin eegganne waan dhagahe hunda dagachuu eegala. Kana booda diinni isa keessatti bakka argata; garagalchees isa kuffisa akkuma zayitni guutee ifu jechuudha.

Abbaa Arsiyees

Jireenyakee keessatti laphee akka keessummaa qabaadhu. Akka yeroo jalqabaaf itti dhiyaatteetti baay'ees itti hin dhiyaatiin; baay'ees irraa hin fagaatiin.

Abbaa Agaatoon

Seexana caalaa bartee sodaadhu.

Maar Yisihaaq

Cubbamtoota jaalladhu; hojiitiin garuu isaan hin fakkaatiin.

Maar Yisihaaq

Qarshiin jiraachuunsaa beekame hir'achaafi dhumaa deema. Akkasumas hojiin gaarii namoota fuulduratti beekamaafi mul'achaa yeroo deemu; akkuma gagaa ibidda biraa baqaa deemuu ni hir'ata. Lubbuunis namoota fuulduratti kan galateeffamtu yoo ta'e ni dadhabdi, humni ishees ni dhuma.

Immaahooy

Jalqabni cubbuufi bu'uurri isaa of eeggannaa dhabuudha.

Abbaa Pheemen