Qulqullummaa

Wisdom About Purity & Virtuous Living

Ofii keenya akka yakkamaa taasisnee ofitti kan murteessinu yoo ta'e namoota kaan qulqulluu fi ergamootaa ta'anii isaan argina; garuu namoota kaan irratti akka yakkamaatti itti murteessina taanaan ofii keenya akka qulqulluutti of ilaalla.

Qul. Atnaatewoos

Kiristoos fuuldura yeroo kadhannaaf dhaabbattu akka hin qaanofne hojiikee kam keessatti qulqullummaa qabaadhu.

Unknown

Laphee qulqulluu akka qabaattuuf namoota kaan xureessuufi hamachuurraa of ittisi. Dubbii nama hadheessuu gurri dhagahu tasumaa lapheesaa osoo hin xureessiin qulqullummaadhaan eeguu hin danda'u.

Maar Yisihaaq

Akka suraafeel qulqulluummaa qaamni qabate maqaansaa haa galatoomuuti, Waaqayyo biraatii irra deddeebiin kan dhagahamu aarsaa qulqulluurra kan kabajamedha.

Maar Yisihaaq

Qulqulluu ta'ee namni kadhatu afuurota hamaa ni balleessa. Maal nadhibdeedhaan namni kadhatu garuu afuuronni kan itti taphatan ta'a.

Qul. Eephreem

Ati qulqulluu waan taateef warreen ejjan irratti hin murteessiin. Kana hin ta'u taanaan atis akkuma isaa seera kan diigde taata; sababni isaas inni 'hin ejjiin' jedhe, 'hin murteessiin' jedheeraatii.

Abbaa Piister