Waa'ee dubroo Maariyaam irratti jechoota abbootii fi haadholiin amantii irraa ka'anii fi kanneen biroo irraa walitti qabame. Jechoonni kunneen waa'ee dubroo Maariyaam ilaalchisee hubannoo, kabaja, fi jaalala guddaa agarsiisu. Jechoota kana keessatti, dubroon Maariyaam akka fakkeenya gaarii, nama amantii fi nama garaa qulqulleetti taate ilaalamtti.
Waaqni intala mooticha heeroodsi irraa osoo dhalateera ta'ee mootii kan ta'uufi eenyuyyuu Isa hin godaansisu ture.
Abbaa Giyoorgis Isa Gaasiccaa
Yaa tulluu guddichaa mucayyoon xiqqoon kan sibaatte ofiikee hanga dandeettiisheetti gadi qabdeetu; Yaa Ibidda guddichaa mucayyoon xiqqoon kan hin gubanne humna isaa akka dandeessuuf ishee cimsiteetu.
Qul. Eephreem Isa Sooriyaa
Addunyaan kun Ilma Waaqayyoo kallattiin Waaqa Abbaa irraa fudhachuuf kan isaaf hin malle ta'ee waan argameef Addunyaan ishee irraa akka fudhatuuf Tokkicha mucaa isaa Durbee Maariyaamiif haadha akka taatuuf kenneef.
Qul. Awugisxiinos
Heeroodsi kan hin qabanne qabuuf ka'e qilleensas Mana isatti galchee itti cufuuf dhama'e.
Abbaa Giyoorgis Isa Gaasiccaa
Yaa gooftaa haadhakee eenyu jennee waamnu? Haadha akka hin jenne Durba taatee argineen, durba akka hin jenne mucaa hammattee argineen. Yaa gooftaa haadhakee waamuuf akkana kan rakkisu yoo ta'e siitiinimmoo eenyu jennee waamna?
Qul. Eephreem